Nageenyaafi misooma waaressuuf waloon hojjechuu qabna- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 5, 2018(FMC)- Fedhii waloo keenyaa kan ta’e nageenyaafi misooma waaressuuf waloon hojjechuu qabna jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Buufanni xiyyaaraa Mootii Taklaayimaanoot bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti guyyaa har’aa eebbifameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana filmaanni mariifi nageenyaan ala jiru Itiyoophiyaaf hin fayyadu jedhan.

Namni Amaaraafi Oromoo jedhee qoqqoodu kamuu Goojjam fi Goondar, Goojjam Bahaafi Goojjam Lixaa waliin jechuun isaa hin oolu jedhanii, hawaasni walqoqqoodaa adeemu bakka itti dhaabbatu akka hin qabne hubachiisan.

Kan fayyadu wanta addaan nu baasu mari’achaa fedhii hunda keenyaa kan ta’e misoomaafi nageenya waaressuuf hojjechuudha jedhaniiru.

Filmaanni kanaa ala jiru uummataafi biyya keenya miidhuun ala faayidaa tokkollee hin argamsiisu jechuun hubachiisaniiru.

Nageenyi barbaachisaa waan ta’eef mootummaan uummata waliin ta’uun namoota mari’achuu barbaadaniif balballi isaa banaa ta’uu eeraniiru.

Mari’achuun biyya keenya nagaa haa goonu jedhanii, dhimmoota irratti waliif hin gallerratti haala siyaasaa nagaa qabeessa ta’een mari’achuun akka danda’amu ibsan.

Miira ida’amuun misoomaaf ka’uun barbaachisaa ta’uu hubachiisanii, misoomni amalasaan yeroo, tumsaafi eegumsa akka barbaadu eeran.

Dhimma yeroon, tumsiifi obsi deebisuuf addaan bahuufi wal ajjeesuun aadaa akka nuuf hin taane hojjechuu qabnas jedhaniiru.

Waldhaggeeffachuu fi wal kabajuun, seenaarra dhaabbachuun wanta gaarii fudhachuun kan hafe guutaa biyya fooyyofte ijoollee keenyatti dabarsuutu rakkoo ture jedhanii, rakkoo kana furuuf waloon dhaabbachuu qabna jechuun yaadachiisaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment