Nageenyi lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatanii akka eegamu hojjetamaa jira – MdhA

Finfinnee, Caamsaa 13, 2018 (FMC) – Nageenyi lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatanii akka eegamu hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon hojiilee dippiloomaas torbee darbe keessa raawwataman ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Itiyoophiyaan Ameerikaa waliin waliigaltee waloo gamhedduu xiyyeeffannoo olaanaa qaban, akkasuma dhimmoota naannawaa fi idil addunyaarratti mari’achuu isaanii ibsan.

Itiyoophiyaan waggaa 80ffaa Mootummoota Gamtoomanii sababeeffachuun walitti dhufeenya seena qabeessa Mootummoota Gamtoomanii waliin qabdu karaa dippilomaasiin caalmaatti kan cimsite ta’uu himan.

Dippiloomaasiin lammiileerratti xiyyeeffatamuun hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uu isaa kaasanii, nageenyaa lammiilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa fi Saa’ud Arabiyaa jiraatan tiksuuf jilli hundaa’uu dubbatan.

Nageenyi lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatanii akka eegamu hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Biyyoota miseensa BRICS waliin marii bu’aa qabeessi taasifamuu kaasaniiru.

Beetaliheem Mokaaniintiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment