Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii Caffee 7ffaa gaggeessaa jiruun Obbo Abdusalaam Waariyoon Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa akka ta’aniif filateera.
Aadde Zamzam Shaalloo Waariyoo Ittaantuu Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa ta’uun filatamaniiru.
Filatamtoonni lamaanis sirna kakuu caffee duratti raawwataniiru.
Af Yaa’iwwan duraanii fi haaraa filatamanis sirna walharkaa fuudhinsaa gaggeessaniiru.
Siifan Magarsaatiin