Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii Caffee 7ffaa gaggeessaa jiruun Obbo Shimallis Abdiisaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa taasisuun moggaaseera.
Waggoottan torbaaf oliif naannicha hogganaa kan turan obbo Shimallis Abdiisaan ammas Pireezidaantii mootummaa Oromiyaa ta’uun akka tajaajilan caffichi sagalee guutuun raggaasiseera.
Obbo Shimallis Abdiisaan Caffee fuulduratti sirna kakuu raawwataniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase