Obbo Tamsageen Xurunaa Pireezidaantii Gaanaa Joon Diraamaanii Mahaamaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 16, 2018( FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamsageen Xurunaa Pireezidaantii Gaanaa Joon Diraamaanii Mahaamaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yaa’ii addaa damee fayyaa hoggantootaa Gamtaa Afrikaa cinaatti Pireezidaantii Gaanaa Joon Diraamaanii Mahaamaa waliin Juublii Hawusitti dhimmoota gamlameefi ardichaarratti mari’achuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo dippiloomaasii cimaa Gaanaa waliin sosochii Paan-Afrikaaniizimii irraa eegalee qabduuf iddoo olaanaa akka laattu eeraniiru.

Ijaarsi gamoo Embaasii Gaanaa haaraan Finfinneetti argamu xumuramuun michummaa biyyoota lameeniif agarsiistuu ta’uus marii keenyaan kaasneerra jedhan.

Pireezidaanti Mahaamaan Itiyoophiyaan faajjii bilisummaafi tokkummaa Afrikaa taatee itti fufuu ibsuun, milkaa’inoota yeroo amma Ashaaraa Magariisaafi dameewwan misoomaa biroon galmeessisaa jirtu dinqisiifachuu isaanii eeraniiru.

Pireezidaantichi qophii Itiyoophiyaan Fooramii Xaanaa yeroo 12ffaaf gaggeeffamu qopheessuuf taasisaa jirtu kan jajjabeeffamu ta’uu kaasaniiru jedhan obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa isaaniin.

Gahee hoggansaa fooramicha irratti bahachaa jiraniif galateeffanneerras jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment