Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) – Mari’attoonni kaleessa garee gareedhaan qoodamanii marii jalqaban, har’as garee isaaniin marii itti fufaniiru.
Mari’attoonni shantama shantamaan qoodamuun gareen 80’n kaleessa waaree boodaa ajandaa jirurratti mari’achuu eegalaniiru.
Adeemsi kun hanga guyyaa boruutti itti fufa.
Adeemsa kana keessatti, mari’attoonni ajandaalee irratti mari’atan ilaalchisee yaadota hedduu fi ilaalcha gara garaa dhiyeessaa jiru.
Adeemsi kun, mari’attoonni dhimmoota biyyaalessaa bu’uura ta’an kanneen waliigaltee dhabuuf sababa ta’an irratti ilaalchawwanii fi sababoota isaanii hundee irraa hubachuuf, akkasumas tokkoon tokkoon isaanii waliif akka hubatan carraa uumaan eegama.
Adeemsa kana milkeessuuf, Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa garee ogeeyyii (Panel of Experts) gara 80 ta’an, dhaabbilee adda addaa keessaa ogummaa, qophii barnootaa fi yaada ajandaa irratti dhiyeenya ogummaa qaban irratti hundaa’uun gahumsa isaanitti amane walitti qabuun, Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti hirmaachisaa jira.
Gareen ogeeyyii kunneen, dhimmoota ajandaa irratti hubannoo dogoggoraa ykn shakkii uumamuuf ibsa kennuun adeemsa kana deeggaruu irratti argamu.
Gama biroon dhaabbileen biyya keessaa adeemsa yaa’ichaa taajjabuuf Komishinichaaf gaaffii dhiyeessan bu’uura godhachuun taajjabdoonni walabaa 50 ol Dhaabbata Hawaasa Siiviilii Itiyoophiyaa, Dhaabbilee Ogummaa Garaagaraa, Yaa’ii Mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa fi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa irraa walitti babba’an adeemsicha taajjabaa jiru.
Itiyoophiyaan mari’achaa jirti!
#Oromia #Ethiopia