Finfinnee, Hagayya 28, 2018( FMC)- Naannoo Oromiyaatti qonna Arfaasaa irraa callaa kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 80 fi kuma 600 ol sassaabuuf hojjetamaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu.
Naannichatti qonna Arfaasaan oomisha fooyya’aa walitti qabuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf qaamolee qooda fudhattootaa hirmaachisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Bara oomishaa kanatti lafa qonnaa haalaan qopheessuufi oomishaan uwwisuu dabalataan oomisha ilbiisota, aramaafi dhukkuboota garaagaraa irraa ittisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Qonnaan bultoonni tooftaalee eegumsa oomishaa aadaafi ammayyaa qindeessuun akka fayyadamaniif ogeeyyii ramaduun deeggarsi taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Naannichatti bara oomishaa kanatti lafa heektaara miiliyoona 11 fi kuma 100 ol misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 80 fi kuma 600 walitti qabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hanga ammaattis lafti heektaarri miiliyoonni 9 fi kumni 600 fi kumni 27 fi 749 gosoota midhaan garaagaraan uwwifamuu eeraniiru.
Oomishtummaa guddisuuf fayyadamumma teeknooloojii qonnaa guddisuun lafti heektaarri miiliyoonni 5 ol tiraaktaraan qotamuu kaasaniiru.
Xaa’oo kuntaala miiliyoona 10 fi kuma 500 ol raabsuuf karoorfame keessaas hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 7 fi kumni 600 fi kumni 77 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu eeraniiru.
Akkasumas keemikaalonni farra aramaafi ilbiisotaas qonnaan bultootaaf raabsamuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
Naannichatti oomishni haala gaariirra akka jirus kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia