Finfinnee, Bitootessa 28, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaan hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoonni 8 fi kumni 100 qophaa’uun miiliyoonni 2 fi kumni 600 ammoo sanyiin uwwifameera.
Mootummaan naannichaa damee qonnaa ammayyeessuun imala wabii nyaataa mirkaneessuu, oomishaa gabaa keessatti barbaadamaa ta’e oomishuufi carraa hojii bal’aa uumuu irratti hojii roga hundaan hojjechaa jiruun injifannoon karoora imala badhaadhina biyyattiif humna guddaa ta’e galmaa’uu ibseera.
Bara kana naannichatti qonna gannaan lafa hektaara miiliyoona 11.17 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 92 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu eereera.
Misooma qonnaa naannichaa tirannaarraa gara utaalchootti jijjiiruuf mala qonnaa ammayyeessuun dhiyeessii sanyii filatamaa, xaa’oo Keemilkaalaafi xaa’oo uumamaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa akka jiru ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia