Finfinnee, Waxabajjii 15, 2018 (FMC)- Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Komishinara Olaanaa Godaantoota Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Barhaam Saalihi waliin mari’ataniiru..
Marii isaaniin Dooktar Barhaam Saalih, Pireezidaanti Taayyee waliin marii bu’aa qabeessa taasisu ibsaniiru.
Marichi Itiyoophiyaan godaantoota heddu keessummeessuun gahee bahachaa jirtuuf dhaabbanni isaanii dinqisifannaa fi beekamtii kennuuf carraa gaarii uumuu eeraniiru.
Keessattuu biyyattiin godaantoota sirna biyyaalessaa keessatti hirmaachiisuufi deeggarsa namoomaa irratti qofa hirkattuu akka hin taane deeggaruuf karoora ifoomsite akka fakkeenyatti kaasuu Tajaajilli ENA’n gabaaseera.
Adeemsa hojirra oolmaa karoora keessatti Komishinichi Mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf murannoon kan hojjetu ta’uu mikaneessuun, hawaasni idil addunyaas dirqama waloo isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Gama biraan Komishinar Barhaam Itiyoophiyaan Filannoo Waliigalaa 7ffaa milka’anaan xumuruutti ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
#Oromia #Ethiopia