Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Itti Aanaa Barreessaa Olaanaa Dhimmoota Siyaasaa Gamtaa Awurooppaa, Ambaasaaddar Oloof Iskoog fi Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Gamtaa Awurooppaa, Anat Wabar, waliin mari’ataniiru.
Mariin isaaniis nagaafi tasgabbii fi misooma dinagdee dabalatee dhimmoota naannawichaa hedduu irratti kan xiyyeeffate ta’uu Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia