Finfinnee, Caamsaa 29, 2018(FMC) – Misoomawwan koriidarii fi qarqara lageenii dabalatee pirojeektonni Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin wixinamanii hojiirra oolaa jiran eegumsa naannoof ga’ee guddaa gumaachaa jiru jedhe Abbaan Taa’itaa Eegumsa Naannoo.
Guyyaan eegumsa naannoo Addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 53ffaaf, Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf har’a kabajameera.
Hoggantoonnii fi ogeeyyiin Abbaa Taa’itaa Eegumsa Naannoo Federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee misooma qarqara lagaaaInxooxxoo irraa hanga Qacaneetti misoomee fi ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhiyeenya kana eebbisan daawwataniiru.
Daayreektarri Ol’aantuu Abbaa Taa’itichaa Dooktar Lalisee Namee yeroo kana akka dubbatanitti, pirojeektoonni Dooktar Abiy Ahimadiin wixinamanii hojiirra oolaa jiran hojiiwwan eegumsa naannoo akka bu’aa buusaniif ga’ee guddaa gumaachaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hanga ammaatti biqiltoonni biliyoona 48 dhaabamuu yaadachiisanii, kunis faalama qilleensaa hir’isuu irraa eegalee bu’aa guddaa fidaa jira jedhan.
Kunis Itiyoophiyaaf akka Addunyaatti beekamtii argamsiisuu fi naannoo fooyyeessuu keessatti ga’ee murteessaa taphachaa akka jiru ibaniiru.
Pirojeektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo Qacaneen biqiloonji biyya keessaa dhaabamuu eernii kunis pirojeektota eegumsa naannoof bu’aa buusaa jiran keessaa tokko ta’uu kaasn.
Ashaaraa beekumsa mandhalee eegumsa naannoo Koonsoo of keessatti qabchuunis adda ta’a jedhan.
Hojiiwwan misoomaa fi eegumsa naannoo akkanaa Itiyoophiyaan fakkeenyummaan akka eeramtuuf qooda guddaa akka qaban ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia