Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara baajata 2018 dhiyeessaa jiru.
Piroojektoonni misooma jallisii ijaarsaa fi ijaarsaan alaa sagantaa mootummaa fi qaamolee deeggartootaan 296 gaggeeffamaa turuu kaasuu, kana keessaa 192 xumuramuu himaniiru.
Piroojeektii Finnaa 73 mootummaan raawwachuuf qabate keessaa 37 xumuramuun tajaajilaaf banamuu kaasan.
Akkasumas waliingahiinsa bishaan dhugaatii guddisuuf sagantaalee adda addaan hojjetamuu kaasan.
Pitoojektoonni bishaan dhugaatii kumni 2 fi 333 xumuramuun lammiilee miiliyoona 2.27 ol fayyadamaa taasisuu ibsan.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia