Finfinnee, Caamsaa 29, 2018 (FMC) – Qaama miidhamtoonni filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti kan yeroo kamiiyyuu caalaa hirmaannaa guddaa taasisaniiru jedhe Federeeshiniin Waldaa Qaama Miidhamtoota Itiyoophiyaa.
Federeeshinichi hirmaannaa fi uwwisa qaama miidhamtoonni filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti qaban ilaalchisee ibsa kenneera.
Filannoo waliigalaa 6ffaarratti qaama miidhamtoota 99 qofatu kaadhimamtoota turuu eeruun, bara kana ammoo qaama miidhamtoonni 275 kaadhimamummaan dhiyaachuu fi qaama miidhamtoonni kumni 100 fi kumni 65 filachuuf galmaa’uu ibse.
Haalli filannoos nagaa qabeessaa fi seera qabeessa kan ture ta’uu hime.
Raawwachiiftoonni filannoo qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuu isaanii ibse federeeshinichi.
Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu kanneen hirmaannaa qaama miidhamtootaa guddisuu keessatti qooda qaban hunda galateeffateera.
#Oromia #Ethiopia