Qondaaltoonni waraanaa imala ulaa galaanaa argachuuf taasifamuuf qophii cimaa taasisuutu irraa eegama – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee,Waxabajjii 27, 2018 (FMC) – Qondaaltoonni waraanaa imala ulaa galaanaa argachuuf taasifamuuf qophii cimaa taasisuutu irraa eegama jedhen Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Kolleejjiin Biyyaalessaa Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa har’a qondaaltota waraanaa olaanoo fi hoggantoota dhaabbilee nageenya siiviilii irraa walitti babba’an ga’umsa olaanaa gama qorannoo tarsiimoo fi nageenyaa qaban 42 eebbiseera.

Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee hoggantoonni biroon sagantaa eebbichaarratti argamaniiru.

Imalli Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasiftu qormaata cimaa jiru keessa darbuu kan gaafatu ta’uu hubachuun qophii gahaa taasisuun barbaachisaa ta’uu dubbatan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan saganticharratti argaa dabarsaniin.

Raayyichi qophii murteessaa taasisuuaa jiraachuu kaasuun, adeemsa kana keessatti gumaacha olaanaa taasisuuf kaka’umsa gaariin hojjechutu barbaachisaadha jedhan.

Zaman Bayyanaan

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment