Rakkoolee Idil-addunyaa Nu Mudatan Furuuf Furmaanni Afrikaa Qophaa’uu Qaba – Dooktar Geediyoon Ximootewoos

Finfinnee, Adoolessa 21, 2018(FMC) – Rakkoolee idil-addunyaa nu mudatan furuuf furmaanni Afrikaa qophaa’uu qaba jedhan Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos.

Ministirichi yaa’ii baniinsaa walga’ii 49ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftota Gamtaa Afrikaa irratti haasaa taasisaniiru.

Jijjiiramni qilleensaa rakkoolee idil-addunyaa biroo waliin walqabatee addunyaa qormaata cimaaf saaxilaa jiraachuu wayituma kana ibsaniiru.

Rakkoolee idil-addunyaa kanneeniif furmaata Afrikaan hogganamu barbaaduun kaayyoo ijoo walga’ii kanaa ta’uu akka qabu eeraniiru.

Gamtaan Afrikaa dhaabbilee idil-addunyaa keessatti gahee Afrikaan qabdu sadarkaa madaalawaadhaan dhageessisuuf mootummaa fi uummata Afrikaa bakka bu’ee sagalee cimaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Qorannoowwan akka agarsiisanitti Afrikaan walakkeessa lammaffaa jaarraa 21ffaa keessatti guddina dinagdee addunyaatiif humna cimaa ta’uu akka dandeessu dubbataniiru.

Imalli gara kaayyoo kanaatti imalamu milkaa’uuf tarkaanfiileen haaromsaafi jijjiiramaa fudhataman kallattii sirrii irratti hundaa’uu akka qaban ibsaniiru.

Kanaafis, mul’ata haarawaa jijjiirama Afrikaa ijaaruun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Qabeenyi Afrikaa dhaabbilee Afrikaatiin akka hogganamu, fayyadamummaa waloo uummata Afrikaatiif fi badhaadhina ardii kanaaf akka oolu qabu hubachiisaniiru.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment