Rakkoolee yeroo dheeraaf turan irratti mari’achuun waliigalteerra ga’uun egeree Itiyoophiyaa ifaa fi abdachiisaa taasisa – Jiraattoota

Finfinnee, Adoolessa 16, 2018 (FMC) – Rakkoolee yeroo dheeraaf turan irratti mari’achuun waliigalteerra ga’uun egeree Itiyoophiyaa ifaa fi abdachiisaa taasisa jedhen jiraattoonni Magaalaa Adaamaa.

Mareen biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru garaagartee barootaaf turan hiikaa jedhan.

Marichi nageenya waaraa fi misooma amansiisaa fidee dhufaan abdanna jedhan jiratatoonni magaalichaa Faanaa Diijitaal waliin turtii taasisan.

Dhimmoota madda walitti bu’iinsaa turanirratti mari’achuun waliigalteerra gahuun egeree Itiyoophiyaaf murteessaa ta’uu kaasan.

Ajandaalee adda bahanirratti mari’achuun guddina diinagdeef biyyattiif faayidaa olaanaa qabaachuu eeran.

Walqoqqooduu fi walitti bu’iinsi sababa adda addaan uumamu bu’aan isaa hiyyummaa fi duubatti hafummaa qofa kan jedhan jiraattoonni kunneen, lammiileen gaaddisa tokko jalatti mari’achuun barbaachisaa ta’uu isaa ibsan.

Abeel Nawaayiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment