Finfinnee, Adoolessa 16, 2018 (FMC) — Dhiibbaa uumamaa jijjiirama haala qilleensaa irraa kan ka’an dandamachuuf, haguuggii bosonaa guddisuuf, akkasumas wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan bu’aa gaarii galmeessaa jirti.
Har’a Abbaan Taayitaa Miidiyaalee ogeessota miidiyaa hirmaachisuun dhaabbii biqiltuu sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera.
Daariktarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee, Aadde Hayimaanot Zallaqaa wayita kana akka jedhanitti, sagantaan Ashaaraa Magariisaa ajandaa waloo biyyaalessaa garaagarummaa siyaasaan hin daangeffamnee dha.
Miidiyaaleen ajandaan kun aadaa guyyuu uummataa akka ta’uuf itti gaafatamummaa guddaa qabu.
Sochii biyyaalessaa guddaa kana uummata biraan ga’uudhaan, hubannoo uumuu fi sochii uummataa cimsuu keessatti miidiyaaleen gahee olaanaa bahaniirus jedhaniiru.
Milkaa’inni biyyaalessaa kun akka dhugoomuuf, sochii uummataa uumuu keessatti miidiyaan gahee isaa bahachaa turuu yaadachiisani , Abbaan Taayitichaas miidiyaalee qindeessuun, odeeffannoowwan saffisaa fi qulqullinaan uummata bira akka ga’an gochuu keessatti gahee ijoo taphachaa jiraachuu ibsaniiru.
Milkaa’inni Itoophiyaan Ashaaraa Magariisaan galmeessiste hirmaannaan uummataa, kutannoon mootummaa Ida’amuu fi tattaaffiin miidiyaa walitti qindaa’uun kan argameedha jedhaniiru.
Milkaa’ina biyyaalessaa kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf, miidiyaan ammas gahee hoggansa isaa bahuun, uummata dammaqsuu, barsiisuu fi hordofuu irratti itti gaafatamummaa isaa cimsee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Yohaannis Baqqalaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia