Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo milkiin xumurameera jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilichi ibsa baaseen, wayita wal tumsiinu maal hojjechuu akka dandeenyu irra deddeebiin addunyaatti kan ittiin mul’isne sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo ashaaraa magariisaa injifannoon xumurameera jedhe.
Maqaan Itiyoophiyaa jedhu fakkeenya waloon danda’uu fi ejjennoo cimaati kan jedhe Tajaajilichi, mootummaan faayidaa waaraa biyyattii mirkaneessuuf kallattiiwwan tarsiimawaa wayita kaa’u uummanni Itiyoophiyaas fedhii biyyaalessaa kana kaka’umsa waloon dhugoomsuuf shaakala waggoottanii akka qabu kaaseera.
Keessumaa waamicha mootummaan misooma magariisaafi olka’iinsa biyyaaf dhiyeessuuf kutannoo olaanaan deebii uummanni kennu hawaasa idil-addunyaaf fakkeenya kan ta’udha jedhe.
Mootummaan iddoowwan manca’an akka wal’aanamaniif, hongeefi gammoojjummaa babal’ataa dhufe qolachuu fi diinagdeen magariisaa bu’uura amansiisa irratti ijaarame akka dhugoomuuf ejjennoo cimaafi ifaa ta’e qabachuun waamicha dhiyeessaa akka ture yaadachiiseera.
Itiyoophiyaanonni dachee keenya magarisa uwwisuun aadaa ta’aa dhufeera kan jedhe tajaajilichi, waggoottan torban darban keessa sosochii ashaaraa magariisaan biqiltuun biiliyoonni 48 ol dhaabbachuu yaadachiiseera.
Bara kanas waggaa 8ffaa sosochichaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800, waqtii gannaan ammoo biqiltuu biiliyoona 8 dhaabuuf mootummaan ejjennoo isaa ifoomsee akka ture ibseera.
Ijoolleen Itiyoophiyaa waamicha mootummaa fudhachuun milkaa’ina isaaf hirmaannaa guddaa taasisaniiru jedhe.
Haaluma Kanaan guyyaa har’aa Itiyoophiyaanonni miiliyoonni 26 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 800 fi miiliyoona 5 fi kuma 300 dhaabuun galma qabamee ol milkeessuu ibseera.
Kunis mootummaafi uummanni wayita waltumsan maal hojjechuu akka danda’an kan argisiisu, milkaa’ina dinqisiisaa biyyi addunyaa kamiyyuu milkeessuu hin dandeenye ta’uus eereera.
Bu’aan kun fedhiin uummata Itiyoophiyaafi ejjennoon tarsiimawaa mootummaa kallattii tokko irratti kan argaman ta’uu mirkaneessa jedheera.
Itiyoophiyaan ijoollee isheetti boonuu, mootummaanis kutannoo uummataa olaanaa argetti boonuufi kabajni itti dhagahamuu eereera.
Kunis mootummaan uummata guddaa kana itti gaafatamummaa olaanaafi amanamummaan tajaajiluuf ejjennoo cimaa qabu cimsee akka itti fufuuf jajjabina dabalataa ta’eeraafi jedhe.
Qaamolee milkaa’ina sagantaa kanaa keessatti qooda isaanii bahatan hundas galateeffateera.
#Oromia #Ethiopia