Sosochii Qindaa’aan Dameewwan Hundaan Mul’ate Galii Waggaa Itoophiyaa Guddisuuf Humna Guddaa Qabaata – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018 (FMC) — Sosochii Qindaa’aan Dameewwan Hundaan Mul’ate Galii Waggaa Itoophiyaa Guddisuuf Humna Guddaa Qabaata jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad mata-duree “Turiizimii Mootora Dinagdee Haaraa” jedhuun marii taasisaniin; dameewwan qonnaa, teknoolojii, faaynaansii, indaastirii fi albuudaa saffisa ol’aanaan deebii kennaa jiru jedhaniiru.

Damee qonnaatiin qamadii, buna, abaaboo fi misooma fuduraaleen bu’aan guddaan galmeeffamuu ibsanii, sagantaa Maaddii Guutuu kessattiis Oomishni lukkuuwwanii fi annaniitiin kaka’umsi ol’aanaan uumamuu ibsaniiru.

Damee teknoolojitiin hojiin kooderoota miliyoona 5 fi hojiirra oolmaan eenyummeessa dijiitaalaa dinagdee dijiitaalaa guddisaa jiraachuus eeraniiru.

Damee faayínaansiin, keessattuu “Telebirr” maamiltoota miliyoona 55 qabaachuun guddina Dinagdee Waliigalaa(GDP) biyyattii keessatti qooda dacha gumaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Indaastiriin immoo sharafa alaa fooyya’aan kan irraa argamuu fi oomishaalee soolaarii dabalatee biyya alaatti kan ittiin ergamu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan, dameen albuudaa kanaan dura galii doolaara miliyoona 30 hanga 40 hin caalle argamsiisaa ture, amma doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisaa jira jedhan.

Sochiin turiistii keessoo kaka’umsa baay’ee nama dinqisiisu agarsiisaa jiraachuu eeranii, barana Itoophiyaanonni miliyoonni 50 ol bakkeewwan adda addaa daawwachuu isaanii agarsiisaniiru.

Kunis kan waggaa darbeerraa miliyoona 1.8’n, kan bara 2016 irraa immoo miliyoona 9.4’n caalmaa qaba jedhaniiru.

Dameewwan hundaan sochiin qindaa’aan namootaa, maallaqaa fi dinagdeen mul’ate walitti dabalamee galii waliigala biyyaalessa Itoophiyaa kan waggaa guddisuuf humna guddaa akka ta’u hubachiisaniiru.

Soosinnaa Alamaayyootiin

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment