Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Qajeelchi waliigalaa Poolisii magaalaa Finfinnee s)osochii ummataa boru Addabaabayii Masqalaatti taasifamu hordofee daandiwwan cufaman ifoomseera.
Haaluma kanaan barii sa’aatii 10:00 eegalee hanga sagantichi xumuramutti:-
👉 Daandiin Suuppar Maarkeettii Baambisii gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu, Ibsaa Addabaabayii Uraa’eeliitti,
👉Gootaraa gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, Agoonaa Siinimaatti,
👉 Caffee Aannanii gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, Ibsaa Laga Harreetti,
👉 Baankii Daldalaa gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu Teeleetti,
👉 Birbirsa Gooroo gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, Hoteela Harraambeetti,
👉 Daalaattii gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, masaraa biyyaalessaatti,
👉 Boolee gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu,Olompiyatti kan cufamu ta’uu ibseera.
#Oromia #Ethiopia