Tajaajila Lammummaa namoota harka qalleeyyii gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ceesisaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC) – Magaala Jimmaatti hojiin Tajaajila Lammummaa Gannaa eegalameera.

Sagantaa tajaajila lammummaan kanaan deeggarsi gosa adda addaa Birrii miliyoona 63 ol ta’u namoota harka qalleeyyii taasifameera.

Meeshaalee barnootaa, midhaan nyaataa, zayita nyaataa, uffataalee, gaagura ammayyaafi lukkuun namoota namoota deeggarsa barbaadaniif kennamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannicha keessatti jijjiiramaafi guddina fiduuf wantoota gurguddoo irratti xiyyeeffatee hojjataa jiru keessaa tokko humna maatii fayyadamee guddina amansiisaafi itti fufiinsa qabu fiduuf xiyyeeffannoo guddaan hojjataa jira jedhan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Ittigaafatamaan Siyaasaa Obbo Namarraa Buliin saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Hawaasni aadaafi duudhaa isaatti deebi’uun hojii tajaajila Lammummaan akka wal utubuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Naannichatti waggoottan darban hojiin tajaajila lammummaan namoota harka qalleeyy gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti qabatamaan ceesisuu eeran.

Sagantaa Tajaajila Lammummaa Gannaatiin hojiin hojjetamaa ture lammilee hedduuf furmaata rakkoo ta’eera jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar.

Ganna baranaa dabalatee deeggarsi Abbootii qabeenya fi qamoolee garagaara irra argame tilmaama Birrii miliyoona 63 ol ta’u hawaasa magaalichaa deeggarsa barbaadaniif kennamuu dubbatan.

Na’imaa Shekalifaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment