Torbeen Turizimii Oromiyaa 6ffaan eegale

Finfinnee, Fulbaana 19, 2019 (FMC) –Torbeen Turizimii Oromiyaa marsaa 6ffaan eegaleera.

Sagantaan baniinsaa bakka Ministirri Turizimii Salaamaawwiit Kaasaafi qaamolee garagaraa biyya keessaa fi biyya alaa argamanitti eegaleera.

Torbeen Turizimii Oromiyaa qabeenya turizimii Oromiyaan qabdu beeksisuurra darbee walitti dhufeenya gabaa biyyoota garagaraa kan cimsu, aadaa gaariifi muuxannoo walirraa fudhachuuf kan gargaaru tahu himame.

Biiroon Turizimii Oromiyaa naannichi iddoo ga’umsa tuurizimii akka ta’uufi galiin damee turizimiis akka guddatuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu OBN gabaasera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment