Finfinnee, Caamsaa 28, 2018 (FMC) – Ummanni filannoo waliigalaa 7ffaan filannoo qofa hin gaggeessine, imaanaa guddaa qaama filatetti kenne jedhan Yuunivarsiitii Finfinneetti Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo idil Addunyaa obbo Tarreechaa Baalchaan.
Filannoon waliigalaa 7ffaan filannoo hirmaannaan ummataa bifa addaan irratti mul’ate ta’uu dubbatan.
Qaamoleen garaagaraa adeemsa filannichaa gufachiisuuf tattaaffii taasisaa turanis fedhii ummataa cibsuu hin dandeenya jedhan obbo Tarreechaan turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasisaniin.
Ce’umsi itti aanu ce’umsa mootummaa qofa hin ta’u, akkamitti ce’een ijoo dubbii ta’uu mala jechuun kaasan.
Ummanni paartii ceesisee manatti galuuf osoo hin taane imaanaa guddaa kan irraa eegu ta’uu dubbatan.
Ummanni afaan qawween mootummaa hundeessuun akka hin danda’amne hubachuun filannoorratti akkaan hirmaachuu eeran.
Sagalee ofiin mootummaa barbaadu hundeessuu kan hin barbaanne buusuuf murannoo agarsiisuu ibsan.
Paartiin injifate biyya akka gaggeessu, kan injifatame ammoo mirgi isaa eegamee ijaarsa diimookiraasii keessatti gahee isaa akka bahatu ummanni imaanaa olaanaa itti kenneera jedhan.
Paartileen hundi tumsa waloon biyya gaggeessuu akka qaban himan.
Filannoon dura, guyyaa filannoo fi filannoon booda wanti muul’ate ummanni hangam diimookiraasii akka shaakale agarsiisa jechuun ibsan.
Paartiin ce’ee mootummaa ta’e imaanaa ummataa sirnaan bahuu fi paartii biroos hammachuu akka qabu hubachiisan.
Galmi guddaan filannoo diimokiraataawaa gaggeessuu fi mootummaa ceesisuu qofa osoo hin taane ce’umsaan booda imaanaa fi dheebuu ummataa guutuu ta’uu ibsan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia