Finfinnee, Adoolessa 17, 2018 (FMC) – Uwwisni dhiyeessii bishaan dhugaatii Itiyoophiyaa % 75.59 gahe jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Haabtaamuu Ittafaan.
Ministeerichi raawwii hojii bara baajataa 2018 gamaaggamaa jira.
Bara baajatichaa uwwisa dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa fi baadiyyaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu Dooktar Haabtaamuu Ittafaan gamaaggamicharratti ibsaniiru.
Kanaanis akka biyyaattiitti uwwisa dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu % 72.65 irraa gara % 75. 59 guddisuun danda’amuu eeran.
Kana hordofee namoonni miiliyoonni 84.4 ol fayyadamoo bishaan qulqulluu ta’uu himan.
Bara baajataa 2018 keessa qofa kutaalee hawaasaa miiliyoona 4.85 ol fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuun danda’amuu dubbatan.
Uwwisa dhiyeessii bishaanii dhaabbilee barnootaa fi fayyaa % 43 irraa gara % 45 guddisuun danda’ameera jedhan.
Mancaatiin bishaanii % 29 irraa gara % 27tti gadi bu’uu kaasan.
Gama biraan, magaalaa fi baadiyyaatti tajaajila Elektirikaa bal’inaan qaqqabsiisuuf hojii hojjetameen fayyadamummaa lammiilee guddisuun danda’amuu Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.
Malaakuu Gaddiftu gabaase
#Oromia #Ethiopia