Yaadama ida’amuu humna garaagarummaa gara faayidaa walootti jijjiire…

Finfinnee, Adoolessa 16, 2018 (FMC) – Akkaataa bu’uura Yaadama ida’amuun mootummaan, dargaggootni, dubartootni, dhaabbileen hawaasaa siivilii fi dhaabbileen miti mootummaa waliin ta’uun hojiileen tola ooltummaa adda addaa hojjetamaniiru.

Akka fakkeenyaatti sagantaa tola ooltummaa waqtii gannaa guutuu biyyattiitti manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa fi haaromsi dhaabbilee tajaajila uummataa heddu hojjetamaniiru.

Dabalataanis, hojiiwwan tola ooltummaan sagantaan ashaaraa magariisaa, Eegumsi naannoo fi iddoowwan tajaajila uummataa miidhagsuun hojjetamaa jiru.

Maanguddoota, qaama miidhamanii fi namoota qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa midhaan nyaata, uffataalee fi mana jireenyaa taasisuu, akkasumas dhiigaa arjoomuun guutuu biyyattiitti tajaajila tola ooltummaan hojiileen jajjabeessan hojjetamaniiru.

Ida’amuun humna garaagarummaa gara faayidaa walootti kan jijjiiru yoo ta’u, tajaajilli tola ooltummaa yaadama kana qabatamaan mirkaneesseera.

Lammiileen beekumsa, yeroo fi humna isaanii walitti fiduun rakkoo hawaasaa waliin furuuf hojjechaa jiru.

Kunis hafuura tokkummaa cimsuun aadaan wal amantaa akka dagaagu taasisaa jira.

Bara mootummaa Ida’amuu tajaajilli tola ooltummaa hirmaannaa nama dhuunfarra darbe bifa biyyaalessaa qabateera.

Aadaan tajaajila tola ooltummaa kun cimee yoo itti fufe, misooma itti fufiinsa qabu, tokkummaa hawaasaa fi guddina biyyaalessaaf gumaacha olaanaa akka taasisu amanama.

Amalawarqi Dammiseetiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment