Finfinnee, Adoolessa 7, 2018 (FMC) – Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa nagaa, diimokiraatawaa taatee fi walii galteerra geesseef bu’uura kan buusu ta’a jedhan Komiishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ar’aayaa.
Komiishinarichi gumi marii biyyaalessaa boru Finfinneetti jalqabamu ilaalchisuun hirmaattota gummichaaf ergaa dabarsaniiru.
Hirmaattonni gumi marii biyyaalessaa seena qabeessa kanaa sagalee fi hawwii hawaasa bakka buutanii dhageessisuuf qofa osoo hintaane, carraa fi egeree biyya keenyaatiif bu’uura kaa’uuf waan ta’eef, itti gaafatamummaan guddaa fi gadi fagootu isinirra jira jedhaniiru.
Murteewwan marichaan dabran, walii galteen uumamuu fi waliif mallatteeffamu yeroo seena-qabeessa kana dabarsee kan itti fufu fi Itiyoophiyaa nagaa fi. diimokiraatawaa taatee fi walii galteerra geesseef bu’uura kan buusu ta’uu isaa yaadachiisaniiru.
Komiishinarichi ergaa isaaniitiin, marichi ogummaan, wal kabajuun fi murannoo cimaa faayidaa uummataa bu’uureffateen akka gaggeeffamu, akkasumas dhaloota dhufuuf egeree ifaa kan qopheessu akka ta’u abdii guddaan qaba jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia