Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun Indaastiiwwan 625 gara hojiitti deebi’uun ibsame
Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun Indaastiiwwan cufamanii turan 625 gara hojiitti akka deebi’an taasifamuu Ministeera Indaastiriitti Inistiityuutiin Misooma Indaastirii Oomishaalee ibse.
Sosochichaan dandeettiin oomishtummaa Indaastiriiwwan % 46 irraa gara % 61 ol guddachuu Daayrekterri olaanaan Inistiityuutichaa Dooktar Milkeessaa Jaagaamaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himaniiru.
Baatiwwan saglan darban keessa qofa Oomishaaleen oomisha alaa bakka bu’an Birrii biiliyoona 3.1 baasaan biyya keessatti oomishuun danda’amuu dubbataniiru.
Agarsiifni idil addunyaa har’a banamu milkaa’inicha caalmaatti guddisuuf kan tumsu ta’uu Dooktar Milkeessaan eeraniiru.
Agarsiifni idil addunyaa har’a banamu kun mata duree ‘Itiyoophiyaan haa oomishtu, nutis yaa bitannu’ jedhuun gaggeeffama jedhan.
Agarsiisa Itiyoophiyaan haa oomishtuu kanarratti Indaastiriiwwan oomishaa dabalatee kalaqawwan Teeknooloojii fi Istaart Appii kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.