Fana: At a Speed of Life!

Biyya ijaaruuf daa’immanirratti hojjechuun murteessadha – Kantibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 11, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti sagantaa ijoolummaa jalqabaan dhaloota egeree biyya ijaaruu danda’an horachuuf haalli mijachuu Kantibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen ibsan.
Aadde Adaanech har’a Keeniyaatti bulchaa naannoo Mombaasaa Abdulsiwaamad Shariif fi jilasaanii waliin Finfinneetti mari’ataniiru.
Biyya ijaaruun kan danda’amu guddattootarratti xiyyeeffachuun yoo hojjenneedha jedhan.
Dhaabbileen daa’immaaniif haala mijaataa akka uumuun hojiileen ba’aan hojjetamuu Kantibaa Adaanech marii isaaniin kaasaniiru.
Finfinneen daa’imman guddisuuf magaalaa Afrikaa mijattuu taasisuuf milkaa’inoota sagantaa ijoollummaa jalqabaatiin argaman akkasumas hojiiwwan misoomaa kanneen biroo akka muuxannootti fudhachuu qaban jilichaaf dhiheessineerra jedhan.
Bulchaan naannoo Mombaasaa Abdulsiwaamaad Shariif Naasir jijjiirama magaalaan Finfinneen argamsiifte dinqiisfataniiru.
Miseensonni jillichaa turtii isaaniin magaalaa Finfinneetti sagantaa ijoollummaa jalqabaa,bulchiinsa dhiheessii bishaan dhugaatii fi dhangala’oo,sirna dhabamsiisa balfa gogaa akkasumas milkaa’inoota misooma koriidariin wal qabatanii fi tiraanisfoormeeshinii magaaalaa kan daawwatu ta’uu aadde Adaanech himuu TOI gabaasaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.