Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Arafaa kabajamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 29, 2017(FMC) -;Ayyaanni  Arafaa 1446ffaan kabajamaa jira.

Ayyanichi hordoftoota amantii Islaamaatiin guutummaa biyyaatti sirna adda addaan kabajama.

Solaataa fi takbiiraa dabalatee sirnoonni amantaa adda addaa geggeeffamaa jiru. 

Pirezidaantiin Mana Maree Isilaamummaa Itiyoophiyaa Haaji Ibiraahiim Tufaa ayyaanicha sababeeffachuun ergaa dabarsaniin uummanni Musliimaa ayyaana Arafaa yeroo kabaju barsiisa amantichaa hordofuu fi raawwachuun ta’uu qaba jedhan.

Nabiyyuu Mahaammad barsiisa isaaniin guyyaan Arafaa hundarra kan caalteedha jechuu isaanii yaadachiisanii, amantoonni gaarreen Arafaa irra dhaabachuu hindandenye bakka jirrutti du’aa gochuun waan gaarii hawwuun dabarsuu qabna jedhaniiru.

Kanaafis ayyaanicha tokkummaan, walgargaaruun, warra rakkatan gargaaruun kabajuu qabna jechuunis hubachiisaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.