Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Waxabajj 12, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhimmoota guguddoo murteessoo ta’an irratti Heera Mootummaa fooyyessuuf Mootummaan qophaa’aa dha jedhan.

Marii bakka bu’oota paartilee siyaasaa guutuu biyyaa wajjin mari’atan irratti akka ibsanitti mootummaan heera mootummaan kan hundeeffame waan taheef dhimmoota akka fooyya’an irratti waliigalamu maree fi ilaa fi ilaameen fooyyessuuf qophaa’aa akka ta’e ibsan.

Mootummaan dhimmoota misoomaa fi tokkummaaf gargaaran sirreessuu fi fooyyessuuf kutannoo akka qabus hubachiisan.

Heera Mootummaa kana dhiisuun kan biraa barreessuun akka danda’amu kan kaasan Dooktar Abiy, adeemsi akkanaa Itiyoophiyaa barbaadamtu fiduu akka hindandeenye hubchiisan.

Wal taanee dhimmoota murteessoo ta’an sirreessuuf qophii dha kan jedhan, Dooktar Abiy, kanaafis Mareen biyyaalessaa hunda hammaate barbaachisaa ta’uu hubchiisan.

Akkuma mootummoota Ityoophiyaa darbanii fi mootummoota biyyota biroo waliin mari’achuun yeroo fudhatanii sakatta’uu akka barbaachisu kaasaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.