Doonaaldi Tiraampi Isiraa’el tarkaanfii akka hinfudhanneef akeekkachiisan
Finfinnee, Waxabajjii 17,2017 (FMC) – Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Isiraa’el lamuu Iraan irratti tarkaanfii akka hinfudhanneef akeekkachiisan.
Tiraampi kana kan jedhan Isiraa’el, Iraaniin waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsitee misa’eela natti dhukaaste jechuun tarkaanfii cimaa fudhachuuf erga dhaadattee booda dha.
Tiraampi ibsa isaanii keessatti, “kana caalaa gocha Israa’elitti hin gammadu” jechuun dubbatan.
Pirezidaantichi walga’ii NATOtti hirmaachuuf gara Heegitti osoo hin deemin dura Gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin,”Rokkeetii tokkotu waliigalteen booda dhukaafame jedheen tilmaama. Jarreen kun tasgabbaa’uu qabu,” jedhan.
”Israa’el erga waliigaltee kana goonee booda battaluma sanatti cabsuun ishee natti hin tolle, biyyoonni lamaan maal akka hojjetaa jiranillee hin beekan” jechuun qeeqan.
Akeekkachiisni kun kan kenname Tiraamp Iraanii fi Israa’el gidduutti waraanni akka dhaabbatuuf labsiin labsan ganama har’aa hojiirra ooluu erga eegalee saa’ a muraasa booddee dha.
Israa’el yaada dhukaasa dhaabuu dhihaate irratti walii galuu ishee kan ibsite yoo ta’u, Iraanis Israa’el akkasuma yoo goote haleellaa akka dhaabdu ibsitee turte.
Kun ibsamee utuu hinturin garuu waraanni Israa’el Misaa’ela Iraan furguggifamte to’achuu ibseera.
Teeraan garuu haleellaa haaraa raawwatame jedhame kana haalteetti.
Waraanni biyyoota lamaan gidduutti erga eegalamee asi miidhaan lubbuu namaa fi qabeenyaa irra ga’uu maddeen adda addaa gabaasaniiru.
Akka gabaasa BBC miidiyaalee Iraan wabeeffateetti, Ministeerri fayyaa Iraan Waxabajjii 13, 2025 irraa eegalee haleellaa Israa’el raawwatteen lubbuun namoota 606 darbuu ibseera.
Namoonni kuma 5 ol miidhamanii yaala fayyaa argachaa akka jiran Ministirri Fayyaa biyyattii Mohammad Razaa Zafargaani himaniiru.
Saa’atii 24 darban qofa keessatti Iraan haleellaa hamaa argitee hinbeeknee fi lubbuu namoota 107 galaafatee argite jechuun Ministirichi ibsaniiru.
Sababa uggura mootummaatiin miidhaa qabatamaan qaqqabe garuu gaazexeessitoonni adda baafachuu akka hindandeenye BBCn gabaaseera.
Gareen mirga namoomaa waldhabdee kana hordofu, “Human Rights Activists In Iran” jedhamuu ammoo lakkoofsi namoota ajjeefamanii dachaa lakkoofsa mootummaan biyyattii gabaasaa jiru kanaa ta’uu danda’a jedheera.
Kaleessuma qofa haleellaan Israa’el mana hidhaa “Evin” Teeraan keessatti argamu irratti geggeessite kutaalee dhaabbatichaa miidhuun yoo xiqqate nama tokko ajjeessuun gabaafameera.
TVn mootummaa Iraanis ibsa Abbaa Taayitaa Manneen Sirreessaa biyyattii wabeeffachuun hidhamtoonni gara manneen hidhaa biroo bulchiinsa Teeraan keessatti argamuutti dabarfamuu gabaaseera.
Manni hidhaa Evin mormitoota siyaasaa, falmitoota mirga namoomaa fi gaazexeessitoota dabalatee namoota kumaatamaan lakkaa’amantu keessatti hidhamee ture.
Tiraampi ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin booda gara Walga’ii NATO Heeg Nizerlaanditti taa’amuutti imalaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin