Fana: At a Speed of Life!

Haqa waloo cimsuuf Mana Murtii Aadaa waliin ni hojjetama

Finfinneen Waxabajjii 20, 2017(FMC) – Gumiin Balal Marsaa 43ffaan mata duree “Haqa Waloof Mana Murtii Aadaa” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Pireezidaantii Mana Murtii waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaasimal fi Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Haasawaa baniinsaa kan taasisan Pireezidaantiin Mana Murtii waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimal haqa waloo cimsuuf mana Murtii aadaa waliin kan hojjetamu ta’uu dubbatan.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaan gamasaaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa yaadama duudhaa ganamaa hojiirra oolchuun gaaddisa dubbii jabduun itti ilaalamu Gumii Balal sirneessuun ajandaa dhimma Oromoofi Oromummaa akkasumas biyyaalessaa qorannoon utubame akka irratti dhiyaatu taasisuu kaasaniiru.

Waltajjiin kun maqaa gaarii naannoofi biyyaa ijaaruufi ilaalcha biyyaalessummaa dagaagsuu keessattis gumaacha olaanaa ba’achaa akka jiru hubachiisaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.