Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Adoolessa 18, 2017(FMC) – Paartileen Siyaasaa faayidaa biyyaa fi uummataaf jecha nagaa buusuu fi waaressuuf cimnee hojjenna jedhan.

Paartileen kunniin mataduree “Nagaa buusuu fi waaressuu” jedhuun maree magaalaa Bishooftuutti taa’an irratti nagaa biyyaaf waloon akka hojjetan “Waadaa Bishooftuu” yaada jedhuun ibsa baasaniin beeksisaniiru.

Waadaan Bishooftuu kunis akka itti aanutti dhiyaateera.

Waadaa Bishooftuu, nageenya buusuu fi waaressuuf ga’ee Paartileen Siyaasaa qabnu irratti :

Ga’ee Paartileen Siyaasaa Nageenya buusuu fi waatessuuf qabnu irratti waltajjii konfitansii nageenyaa geggeessineerra.

Waltajiinkanaaf akkaataa karoora mana maree paartileen qophii irra kan turre yoo ta’u, manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Ministeera Nageenyaa wajjin ta’uun dhugoomseera.

Waltajjicha irratti haalli nageenyaa fi idil addunyaa faayidaa nagaa buusuufi waaressuuf qabu irratti yaadrimeewwan fi muuxannoowwan adda addaa ilaalchisuun barreeffamoota hayyootaan dhiyaatan bu’uureffachuun maalummaa nagaa fi ibsamoota isaa, dhiibbaa haalli naannawaa fi addunyaa qabu akkamiin dandamachuun akka danda’amu, eenyummaa fi Ittigaafatamummaa qooda fudhattoota nageenyaa, ga’ee paartilee siyaasaa fi ka’umsaa fi furmaata rakkoo nageenya biyya keenyaa kanneen jedhan irratti gadi fageenyaan mari’anneerra.

Haaluma kanaan

 Nagaan bu’uura waa hundaa ta’uu isaa,
 Nuti paartileen siyaasaa fakkeenya qabsoo siyaasaa nagaqabeessa ta’uu keenya hubachuun,
 Nagaan hawaasa, biyyaa fi dhaloota qabsoofnuufii akka waara’u ga’ee keenya ba’achuu akka qabnui amanuun,
 Qooda nagaan ijaarsa sirna diimopkiraasiif qabu hubachuun,
 Amantaa keenya kana Waadaa Bisdhooftuuttiin yoo ibsinu, hojiirra oolmaa isaattiifis qooda fushattoonni qooda isaanii akka ba’an qabxiilee waadaa abbaa keewwata torbaa kaanaan waamicha keenya ni dhiyeessina.

Keewwata 1: Waadaa Adeemsa Siyaasaa Naga qabeessaa fi Ammayyaa Hordofuu

1.1. Kaayyoo siyaasaa keenya karaa diimokiraatawaa, seera qabeessaa fi naamusaan ni raawwanna.
1.2. Nageenya booressuun, maqaa balleessuu fi jibbiinsaan qabeenyaa fi lubbuun namaa akka baduuf sababa akka hintaaneef ni hojjenna.

Keewwata 2: Waadaa Dhaabbilee fi Dudhaalee Isaaniif Kabaja Kennuu

2.1. Seeraa fi naamusni, murteessummaa murtii uummataa, adeemsotaa fi bu’aaleen filannoo akka kabajamaniif
2.2. Murtiiwwan irratti garaagarummaan yoo jiraates seera kabajuun ejjennoo keenya dhiyeessuu

Keewwata 3: Waadaa Hammattummaa, Waliigaltee Biyyaalessaa fi Bu’aa Biyyaalessaaf Waloon Dhaabachuu

3.1. Garaagarummaa keenyaaf ulfinaa fi xiyyeeffannaa addaa keennuun yaadama ijaarsa danoomaaf hojjechuuf walii galleerra.
3.2. Hirmaannaan dargaggootaa dubartootaa fi qaama miidhamtootaa aka guddatuuf xiyyeeffannee hojjenna.
3.3. Aadaa siyaasaa bu’aa biyyaalessaaf waliin dhaabachuu ni gabbifanna.

Keewwata 4: Waadaa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii fi Bulchiinsa Gaarii

4.1. Sirna siyaasaa ajandaa, imaammataa fi dandeettii irratti hundaa’ee ijaaruuf ni hojjenna.
4.2. Garaagarummaa Yaadaa fi fedhii siyaasaa akka mallattoo dimokiraasii fayyaalessaatti ni fudhanna.

Keewwata 5: Waadaa bu’aqabeessummaa Qabiinsa Waldhabdee fi Ijaarsa Nageenyaaf Hojjechuu

5.1. Paartiwwan keenya keessattii fi Paartiiwwan biroo gidduutti dhimmoonni waldhabdeef ka’umsa ta’an irratti sirna furmaataa ni ijaarra.
5.2. Mareewwan nageenyaa hawaasa, hawaasa barnootaa, waltajii adda addaa fi hoggantoota siyaasaa waliin geeggeeffaman irratti qooda ni fudhanna.

Keewwata 6: Waadaa Qajeeltoo Iftoominaa fi Gaafatamummaa Gabbifachuu

6.1. Mootummaa akkasumas paartii keenya keessatti iftoominni, walabummaan yaadaa fi wal amantaan akka dagaaguuf ni qabsoofna.
6.2. Hojii hirmaannaa siyaasaa daangessuu fi adeemsa siyaasaa dhaabbatummaa miidhu irratti waloon qabsoofna.

keewwata 7: Waadaa Bu’aa Biyaalessaa fi Sirna Diimokiraasii Waaressuu

7.1. Nageenya, rakkoo alaa, filannoo biyyaalessaa fi misooma biyyaa keessatti akka qaama tokkootti ni hojjenna.
7.2. Kabaja lammiilee fi uummatoota Itiyoophiyaa fi carraa wloo bioyya keenyaa irratti waloon dhaabbachuun sina siyaasaa tasgabbaa’aa waaressuuf ni hojjenna.

Ibsa Xumuraa

Ibsi Waadaa Bishooftuu kun, nuti akka hoggantoota paartii siyaasaatti geggeessummaa olaanaa nageenyaa, ittigaafatamummaa hawaasummaa fi fedhii fi bu’aa waloo biyyaalessaa irraa ka’uun hojjechuuf ejjennoo siyaasaa qabnu irratti kan hundaa’ee dha.

Har’a irraa eegalee garaagarummaan siyaasaa keenya akkuma eegametti ta’ee, faayidaa biyaa fi uummataaf jecha biyya keenyatti nagaa buusuu fi waaressuuf ciminaan ni hojjenna.

Humnoonni siyaasaa fi homnoonni adeemsa qabsoo siyaasaa naga qabeessaan alatti hidhatanii socho’an garaagarummaan mareen akka hiikamuuf ga’ee keessan akka baatan waamicha keenya ni dhiyeessina.

Milkaa’ina isaafis qoda keenya ba’achuuf waadaa ni galla.

Tarsiimoowwan biyya keenyatti nagaa buusuu fi waaressuuf gargaaran hojiirra oolchuun qooda fudhattoota dhimmichi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaa fi tumsaan hojjechuuf waliigalleerra.

Nageenyi bu’uura waa hundaa ti!!!
Adoolessa 17/ 2017
Bishooftuu

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.