Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti barattoota kuma 900 oliif tajaajila nyaataa kennuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Hagayya 26, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti bara barnootaa 2018 keessa barattoota kuma 900 oliif manneen barnootaatti tajaajila nyaataa kennuuf qophiin xumurame jedhe Ejansiin Nyaataa magaalichaa.
Sagantaan nyaata barattootaa barattoonni barnoota isaanii sirnaan akka hordofan gahee bahachaa jiraachuu Itti Aantuun Daayrektera Olaanaa ejensichaa Sintaayyoo Maammoon Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Bara baajataa xumurame keessa Magaalaa Finfinnee fi Naannawaa isheetti barattoota kuma 800 fi kuma 4 fi 585 oliif nyaanni dhiyaachuu fi barattoota miiliyoona 1 oliif ammoo meeshaaleen barnootaa kennamuu ibsan.
Bara 2018 keessa ammoo Barattoota kuma 900 fi 702’f tajaajila nyaataa kennuuf qophiin barbaachisu xumuramuu eeran.
Kanaafis baajanni Birriin biiliyoonni 10 ol ramadamuu dubbatan.
Akkasumas barattoota miiliyoona 1 ol ta’aniif meeshaalee barnootaa dhiyeessuuf karoorfamuu kaasan.
Soosinnaa Alamaayyootu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.