Sirni Solaataa fi kadhannaa Reeffa Hajii Muftii Umar Idiriis gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018(FMC) – Sirni Solaataa fi kadhannaa Reeffa Hajii Muftii Umar Idiriis bakka waggoottan 40’f itti barsiisan Masjiida Nuuritti gaggeeffamaa jira.
Sagantaa Solaataa fi Kadhannaa kanarratti Ulaamaawwan, Darasoonni, Ustaazonni, kutaaleen Hawaasaa fi firoottan isaanii argamaniiru.
Sa’aatii 8:00 jalqabaa Galma Barkumeetti bakka hoggantoonni Olaanoon mootummaa argamanitti sirni gaggeessaa kabajaa ni raawwatama.
Sirni awwaalcha isaanii Naannawaa Hayilee Gaarmanti jedhamu Buufata Kuduraa fi Muduraa Haaraa gadi mooraa Masjiida isaan Qura’aana itti barsiisaa turan keessatti kan raawwatu ta’uu ragaan Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.