Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan biyya abdii guddaa qabdu waan taateef adii ishee yeroo gabaabaa keessatti dhugoomsuu dandeenya jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Bakka bu’oota Uummataa Taaggasee Caafoo.

Itiyoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha tumsa uummataan dhugoome eebbisiisuu ishees yaadachiisaniiru.

Dabalataan waarshaa gaazii fi xaa’oo ijaaruuf hojii eegaluu ishees kaasaniiru.

Itiyoophiyaan biyya abdii qabdu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti kana dhugoomsuu dandeenya, kanaafis harka walqabannee hojjechuu qabna jechuun hubachiisan.

Hafuura hojii amma mul’achaa jiru cimsuun badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu akka barbaachisus ibsaniiru.

Damee qonnaan oomishtummaa qamadii fi ruuzii irratti hojiiwwan hojjetaman bu’aa guddaan kan itti galmaa’e ta’uus dubbataniiru.

Sagantaa maaddii guutuun oomisha killee, damma, foonii fi qabeenya qurxummiin buaaleen argaman wan umuu dndeenyu nutti argisiisaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa lafti duwwaa ta’e akka bayyaannatuu fi adeemsa agroo piroosasingiin walitti hidhuun bu’aaleen kanaan dura hinargamin kan argaman ta’uu eeraniiru.

Waldhabdee jirus waliin dubbachuun furuun dhaloota dhufuuf biyya wayyituu dabarsuun akka danda’amu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.