Finfinnee.Onkoloolessa 20, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa qaama bakka bu’iinsa hin qabneen dhabde gaafachuuf mirga qabdi jedhan hayyoonni.
Hayyoonni Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif yaada kennan, daangaan ishee galaana kan ture Itiyoophiyaan galaana guddaa qabdi turte jedhan.
Ogeessi seeraa Abbaree Addaamuu akka dubbatanitti, karaan Itiyoophiyaan waggaa 30 dura ulaa galaanaa itti dhabde bu’uura seeraa kan hin qabnee dha.
Akka biyyaatti uummataan utuu bakka hin bu’in murtii sana dabarsuun biyya ganuu akka ta’e hubachiisaniiru.
Kanaaf Itiyoophiyaan ulaa galaanaa karaa dabaa fi seera qabeessa hin taaneen dhabde deebitee akka argattuuf Seenaa fi Seerri ni deggera jedhan.
Ogeessi Seera Bishaanii idil-addunyaa Dooktar Kabbadaa Garbaa gama isaaniin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf Seerri idil-addunyaa kan deggaru ta’uu dubbataniiru.
Ulaa Galaanaa bu’aa hedduu qabu argachuuf gaaffii Itiyoophiyaan dhiyeessite sirrii ta’uu ibsanii, gaaffiin ishee hawaasa addunyaa biratti fudhatama argachaa dhufuu eeraniiru.
Itiyoophiyaan bu’uura ragaalee seeraa, seenaa fi sanadaa qabduun gaaffiin ishee karaa nagaa fi dippiloomaasiin deebii akka argatuuf yaalii ishee cimsitee itti fufuu akka qabdu hubachiisaniiru.
Taarikuu Laggasaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna