Fana: At a Speed of Life!

Rippaabliki Dimokraatawaa Koongoo baatiiwwan 10 booda albuuda Koobaaltii gara alaatti erguu eegalte

Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC)- Rippaabliki Dimokraatawaa Koongoo baatiiwwan 10 booda albuuda Koobaaltii gara biyyoota alaatti erguu eegalte.

Biyyattiin dhiyeessiin Koobaaltii sadarkaa addunyaatti dabaluu hordofee gatiin waan gadi bu’eef gara alaatti erguu addaan kuttee turte.

Albuudni kuni bilbiloota ismaartii fi baatirii konkolaattota elektirikii oomishuuf akka oolu kan ibsame you ta’u, Rippablikni Diimokiraatawaa Koongoo ammoo sadarkaa addunyaatti koobaaltii oomishuun adda duree dha.

Ministirri Maallaqaa biyyattii Duuduu Fiwaambaa akka jedhanitti, biyyi isaanii alergii koobaaltii baatiwwan kudhaniif addaan kuttee turte Jimaata darbe irra deebiin erguu jalqabdeetti.

Biyyattiin akka addunyaatti koobaaltii %70 akka dhiyeessitu kan dubbatan Ministirichi, gatii isaa murteessuu dadhabuun ishee garuu fudhatama hinqabu jedhan.

Gabaa addunyaaf dhiyeessuu addaan kan kuttes kanumaaf ta’uu “The Guardian” ministiricha wabeeffachuun gabaaseera.

Rippaablikni Dimokraatawaa Koongoo bara Faranjootaa 2024 irraa eegaltee oomisha albuuda Koobaaltii gabaa addunyaaf dhiyaatu keessaa %76 kan ta’u dhiyeessuu ishee odeeffannoon Qorannoo Ji’ooloojii Ameerikaa (Geological Survey of America) ni mul’isa.

Abeel Niwaayiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.