Hoggantoonni Afrikaa sagantaalee tumsaa fi walitti makamaa cimsuu qabu – Mahimmud Alii Yusuuf
Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Dura taa’aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa Maahimmud Alii Yusuuf, hoggantoonni biyyoota Afrikaa sagantaalee tumsaa fi walitti makamaa cimsuu qabu jedhan.
Mahimmud Alii Yusuuf sirna baniinsa Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa Finfinneetti geggeeffamaa jiru irratti ergaa dabarsaniin, dhaabbileen Faayinaansii Afrikaa jijjiirama dinagdee ardichaa ariifachiisuu fi galmoota misoomaa yeroo dheeraa milkeessuuf tumsa isaanii cimsuu akka qaban hubachiisan.
Dhaabbileen kunniin sagantaalee tarsiimawoo ardawaa deggeruuf walitti dhiyaatanii hojjechuu akka qaban dubbatanii, Afrikaan dinagdee addunyaa waliin dorgomuuf humna ishee cimsuu akka qabdu hubachiisaniiru.
Ajandaan 2063 Afrikaa cimtuu fi badhaatuu ijaaruuf hammattoo guddicha ta’ee akka itti fufu eeranii, misoomawwan ariifatoo indaastirii, ce’umsa qonnaa, inarjii fi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu qabu jedhan.
Walitti bu’iinsii fi yaaliiwwan jijjiiramaa heera mootummaa hin hordofne nagaa fi tasgabbii ardichaatti qormaata ta’uu kaasanii, kana furuuf hoggantoonni ardichaa tumsaa fi walitti makama cimsuun misoomaa fi nagaaf murannoo akka mul’isan gaafataniiru.
Soosinnaa Alamaayyoon
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.