Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti qormaata biyyaalessaan qabxii gaarii galmeessisuuf…

Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti barattoonni kuma 56 ol qormaata xumuraa kutaa 12 ttaa bara 2018 akka fudhatan Biroon Barnootaa Bulchiinsa magaalichaa beeksiseera.

Hogganaan biirichaa Dooktar Zalaalam Mulaatuu Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, bulchinsa magaalichaatti qormaati biyyaalessaa kutaa 12ffaa guutummaatti karaa marsariitiin akka kennamuuf qophiin barbaachisu qophaa’amaa jira.

koreewwan qophii qormaataa kana qindeessan ijaaramanii, buufataalee qormaataafis bu’uuraaleen misoomaa barbaachisan guutamaa jiraachuu himan.

Bulchiinsa magaalichaatti barattoonni kumni 56 ol qormaata biyyaalessaa bara Kanaaf dameelee barnootaa saayinsii uumamaa fi Saayinsii hawaasaan akka qoraman eeranii, kompiitaroonni kuma 12 ol qophaa’uu dubbataniiru.

Qormaatichaaf galteewwan barbaachisan guutuu cinatti, gama qabxii barattootaa fooyyessuun hojimaanni adda addaa hojirra ooleera jedhan.

Gosa barnootaa hundaan qabiyyeewwan barnootaa kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti qopheessuun barattoota ga’oomsuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Yeroo barnootaa idilee duraa fi booda barnoota cimsaa (tuutooriyaalii) kennuufi fooramii qo’annoo qopheessuun barattoonni qormaataaf qophaa’aa jiru jedhan.

Qabxii barattootaa gama qopheessuun bu’aa jajjabeessaan argamuu dubbatanii, bu’aawwan argaman caalmaatti cimsuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Akka fakkeenyaattis formaata kutaa 12ffaan barattoonni %50 fi isaa ol fidan bara 2013 %25.45 kan turan bara 2017 %31irra ga’uu danda’eera jedhan.

Haayilamaaniyaam Tagaanyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.