Buna Itiyoophiyaa 1 – 1 Shaggar
Finfinnee, Bitootessa 30, 2018(FMC) – Tapha Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 26ffaan morkiin Buna Itiyoophiyaa fi Magaalaa Shaggar gidduutti gaggeeffame qixaan xumurameera.
Gareen lamaanuu ga’umsa gadi aanaa agarsiisanis taphichi galchii 1 qixa xumurameera.
Shaggar bara kana taphoota piriimeer liigichaa 26 taphate keessaa yeroo 13 qabxii qooddateera.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 48’n liigicha yoo dursu, Magaalaan Hawaasaa fi Nageellee Arsiin qabxii 41 wal qixaan galchiin walcaaluun 2ffaa fi sadarkaa 3ffaa qabataniiru.
Siifan Magarsaatiin