Rakkoolee xiinsammuu fi fayyaa wayita dargaggummaa dhufan hir’isuun ni danda’amaa?
Gadameessa keessatti uumamu irraa eegalee sadarkaaleen guddinaa mul’atan kunniin qaama, amalaa fi sammuu dhala namaa irratti jijjiirama guddaa ni fidu.
Keessumaa jijjiiramni wayita dargaggummaa mul’atu dhiira/dubara jijjiiramichi irratti mul’ate irra darbee maatii, hiriyyoota, hawaasaa fi akka biyyaatti dhiibbaa inni fidu salphaa akka hin taane hayyoonni damee kanaa ni ibsu.
Jijjiramoonni sababa guddina qaamaa fi xiinsammuun dhufan kunniin maal maal akka ta’anii fi dhiibbaa isaan fuduu danda’an irratti kan dubbisne qorataan barnoota Saayikooloojii Yuuniivarsiitii Arsii Gargaaraan pirofeeseraa Shimallis Qanoo, jiijjiiramoonni sababa hoormooniin dhufan dhiibbaa hawaasummaa, fayyaa fi xiinsammuu fiduu danda’u jedhan.
Maatiis ta’e hawaasa irraa kophaa ba’uuf yaaluun, anatu beeka ykn kootu caalaadhaan yaada nama biraa fudhachuu dadhabuun, wantoota safuu ta’an ykn hawaasa biratti fudhatama hin qabne raawwachuuf yaaluun, waan fuullee isaanii jiruu fi dhugaa jedhanii fudhatan raawwachuu irraa deebi’uu dhiisuun, araada adda addaaf of saaxiluun amaloota umurii kanatti mul’achuu danda’an ta’uu kaasan.
Sababa kanaanis rakkoolee adda addaa fayyaa, hawaasummaa fi xiinsammuuf akka saaxilaman ibsan.
Uffata, maallaqa, bifa, qabeenyaa fi wantoota adda addaan hiriyoota isaaniin of madaaluu irraa kan ka’e dhiibbaan xiinsammuu uumamu rakkoolee kanneen keessaa ti.
Dhiibbaa hiriyyummaa fi onnachiistuu jijjiirama keessoo irraa kan ka’e araada adda addaa keessa galuun fayyaa fi sammuu isaanii irra rakkoon ga’uu malus isa kan biraa ti.
Murtii ariitiin guute fi xiinxala gadi fagoo hinqabneenis rakkoo nageenyaa nama dhuunfaa irraa hanga biyyaatti bal’achuu danda’u geessisuu malus jedhan.
Rakkooleen kuniin yeroodhaan fala yoo hin arganne rakkoo guddaa hanga yaala xiinsammuu fi Kiliinikaalawaafi tarkaanfii seeraa barbaaduutti guddachuu akka malus ibsan.
Rakkoo kana ittisuuf jedhan barsiisaa Shimallis, umurii gadii irraa eegalee maatiin ittigaafatama jalqabaa fi isa guddaa akka qabu kaasan.
Ijoollee ofitti qabanii gorsuu fi hubachiisuun akka daandii rakkoolee kanneenitti geessurraa fagaatan amalaan to’achuun barbaachisaa ta’uu dha kan gorsan.
Adabbii fi dheekkamsaan yoo ta’e garuu ittumaayyuu rakkoo caaluuf isaan saaxiluu akka danda’us hubachiisan.
Dargaggoonnis dhiibbaa keessoo fi alaa irraa kan madde rakkoolee kanneeniif of saaxiluurra dhaabbatanii ofi ilaaluun dudha aadaa kabajuu, maatii fi angafoota dhaggeeffachuu akka qaban hubchiisan.
Dhaabbileen amantii, manneen barnootaa fi hawaasni naannoollee dargaggoonni rakkoolee sababa jijjiirama qaamaa fi xiinsammuun irra ga’uu malan irraa akka fagaataniif ittigaafatama isaanii sirriitti ba’uu qabuu dhaamaniru.
Yoonaataan Biraanuutiin