Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Iraanirratti haleellaa qilleensaa raawwatte

Finfinnee, Caamsaa 20, 2018 (FMC) – Ameerikaan bakka tarsiimawaa waraanaa kan taate magaalaa Baandar Abbaas irratti haleellaa qilleensaa haaraa raawwatte.

Ajaji Giddugaleessaa Ameerikaa buufata waraanaa Iraan irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu ibseera.

Miidiyaaleen Iraanis magaalaa Baandar Abbaas keessatti sagaleen dhohiinsaa dhagahamuu gabaasan.

Haleellaan kun guyyaa sadi keessatti si’a 2ffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u, yeroo mariin biyyoota lamaan gidduutti gaggeeffama jirutti kan raawwatameedha.

Ameerikaan haleellaa kana waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuuf osoo hin taane of ittisuuf ta’uu ibsite.

Guyyoota 2 dura Ameerikaan buufataalee bu’uura misaa’elaa Iraan kan Kutaa Kibba biyyattiitti argamanii fi Dooniwwan Fanjii awwaalaa turanirratti haleellaa qilleensaa raawwachuun kan yaadatamuudha.

Waraanni irra deebiin eegale kun adeemsa maree waraana dhaabuu eegalame yaaddoo keessa galchuu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.