Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Qillee sababeeffachuun Maaddii qoodan

Finfinnee, Mudde 27, 2018 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Qillee sababeeffachuun Jiraattoota magaalichaa kuma 300 oliif maaddii qoodaniiru.

Aadde Adaaneech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Ayyaana qillee Sababeeffachuun jiraattoota magaalicha kutaa magaalaa fi aanaalee magaalichaa garaagaraa keessa jiraatan kanneen madda galii hin qabne, rakkoo hawaasummaaf saaxilaman, galii gadii aana qabani fi harka qalleyyii kuma 300 oliif maaddii qooduu ibsaniiru.

Ayyaanni Qillee guyyaa yaadannoo dhalachuu Iyyeessuus Kiristoosi fi jaalala ibsachuu ta’uu isaan, maaddii qooduun lammiilee rakkataniif jaalala qabnu qabataman kan itti mul’ifnudha jedhan.

Gochi gaarummaa kun magaalichatti duudhaa wal gargaaruufi waloomaa caalmaatti kan cimsuu ta’uu dubbataniiru.

Har’a rakkoo yeroo darbuuf harka yoo walqabanne misooma waaraa itti fufsiisuuf kan cichoomnu ta’uu ummata keenyaaf kan itti mirkaneessinudha jedhan.

Aadde Adaanech qaamolee yeroo mara gocha gaarummaa kanaan Bulchiinsa magaalichaa cinaa dhaabbatan galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.