Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa gamoo abbaa darbii sagalii 2 eegalchiisan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa gamoo abbaa darbii sagalii 2 eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa manneen moofa’an kaasnee ijaarsa gamoowwan dabalataa abbaa darbii sagalii 2 eegalchiisuuf dhagaa bu’uuraa keenyeerra jedhan.

Manneen buleeyyii shan kaasuun iddoo isaaniitti appaartaamaan ammayyaa ijaaramuus ibsaniiru.

Kunis warreen Kanaan dura bakkicharra jiraataniif qofa osoo hin taane lammiilee naannawichatti manneen gandaa moofa’an keessa haala rakkisaa ta’een jiraataniif kan oolu ta’uu eeran.

Sirni manneen dabarsanii kennuu hojii riifoormii bu’uuraa hojjechuun fi hojimaata isaa ifa gochuun carraan isaa uummata duratti ba’ee jiraattotaaf dabarfamuus kaasaniiru.

Baasii ijaarsa gamoowwan kanneenii uwwisuun tumsaan ijaaruuf waadaa kan seenan Baankii Awaash fi Dhaabbata fichisiisaafi al-ergii meeshaalee dheedhii ‘MNRC’ galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.