Aadde Adaanech Abeebeen Kutaa Magaalaa Gullalleetti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojii eegalchiisan
Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen guyyaa har’aa Kutaa Magaalaa Gullalleetti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojii eegalchiisneerra jedhan.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin, har’a guyyaa seena qabeessa Bitootessa 24’tti magaalaa keenya Kutaa Magaalaa Gullalleetti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob Addis isa jahaffaa hojii eegalchiisneerra jedhan.
Jijjiirama biyyaalessaan cabiinsa dhaabbilee mootummaa suphuun dhaabbilee miira tajaajiltummaa horatan ijaaruun hojiin milkaa’ina qabu hojjetamuus eeraniiru.
Dameen tajaajilaa baroottaniif rakkoo kenniinsa tajaajilaan sakaalamee akka ture yaadachiisuun, Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob tajaajilamtootaaf boqonnaa fiduu ibsaniiru.
Fayyadamaa bu’aalee jijjiirama kanneenii kan ta’e uummanni magaalaa Finfinnee gara dirreetti bahuun deeggarsa isaa yeroo maraa cimsuu eeranii, injifannoo mootummaan uummata waliin milkeesse salphaa akka hin taane kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia