Fana: At a Speed of Life!

Aadde Sa’aadaa Abduraamaan ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduraamaan ayyaana yaadannoo Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ummata Itiyoophiyaa maraan gaba ayyaana du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos nagaan geessan jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Yaadannoon Ayyaana Faasikaa, guyyaa injifannoo, gammachuufi galataati. Akka barsiifata Amantaa Kiristaanaatti, waaqayyo dhala namaa cubbuu irraa fayyisuuf, du’a bara baraa irraa nama hanbisuuf jecha tokkicha ilmasaa Kiristoosiin gara biyya lafaatti erge.

Kaayyoon Kiristoos gara biyya lafaatti dhufeefis, dhala namaaf fakkeenya ta’uudha. Jireenya bara baraas akka qabaatuuf malee akka baduuf miti. Kan dubbatame akka raawwatamuufis, guyyaa Jimaataa fannifamee guyyaa sadaffaattis du’aa ka’e. Guyyaan kun, guyyaa injifannoofi gammachuu ta’ee kadhataafi galataan yaadatama.

Kiristoos, guyyaa dhalate irraa eegalee qormaatilee hedduu keessummeessaa kan ture yommuu ta’u, yaadannoon guyyaa fannoo ammoo dararaa hedduun kan guutame, darbees hoolaa araaraa ta’ee gatii cubbuu dhala namaaf jecha tokkicha lubbuusaa fannoo irratti dabarsee wareeguun golgaa dukkanaa diigee kakuu haaraatti ceessise.

Imala hanga ammaatti taasifneen qormaatilee jajjaboo nu mudachaa turan injifannee, cehuumsa boqonnaa haaraa biyyaafi naannoo keenyaa dhugoomsuu irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Iccitiin injifannoo keenya kaleessaa tokkummaa keenya. Humni gamtoome ammoo, gaara hiyyummaa kamiyyuu ni diiga. Daandiin qabannee hojjechaa jirrus abdi qabeessaafi galma waloo keenya kan bu’uureffatedha.

Mul’anni keenya ijoon biyya keenyaaf, boqonnaa haaraafi abdii haaraa badhaasuudha. Kanaafis, cichoominaan hojjechaa jirra. Ummata keenya qabannee, kuufama qabeenyaa dilbii qabnutti fayyadamnee, halkaniif guyyaa hojjennee, jijjiirama qabatamaa galmeessuu irratti argamna. Dhaloonni kun, seenessa waloon biyya ijaaree egeree badhaadhina biyyaa dhugoomsuun, seenaa haaraa dalaguuf xiiqiin hojjechuu irratti argama.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, yaadama kaleessaan biyya jijjiiruun akka hin danda’amne hubatee bu’uurri hawaasaa Ganda; handhuurri tajaajila mootummaas Ganda ejjennoo jedhu qabatee, tajaajilli hawaasatti gadi bu’uun kennaa jiru agarsiiftuu jijjiirama kanaati. Qajeeltoo tajaajiltummaa ummataa xiyyeeffannoo godhateen hoogganamee, beekumsaafi ogummaan ummata isaa tajaajiluuf barmaata kaleessaa cabsee, imala haaraafi yaadama haaraan hoogganuufi tajaajiluu jalqabee jira.

Kunimmoo, bu’aawwan gurguddaa argamsiisaa jira. Milkaa’inoota kanneen qabachuun ummata keenya diinagdeen utubuun, jiruufi jireenya isaa fooyyessuun gara boqonnaa haaraatti ceessisuun ammoo galma keenya bu’uuraati.

Caffeen Oromiyaas, daandiin irra imalaa jirru kun akka milkaa’uuf, gahee bakka bu’ummaa isaa kan bahatu ta’uu ibsaa, misooma haqa qabeessa, diinagdee dam-daneessaan utubee injifannoo dabalataan kaadhimee, hojii hojjechaa jiru cimsee itti fufa.

Ummanni keenyas, walbira dhaabbatee, waliif arjoomee, waliif tumsee, waliin gammadee, ayyaanicha waliin kabajuun aadaafi duudhaa isaa ganamaati. Ayyaanonni akkanaas, ummata keenyaaf carraa hariiroo isaa ittiin cimsatu, jaalala waliif qabu caalmaan ittiin agarsiisu, tokkummaa qabus daran jabeeffachuu akka danda’uuf bu’uura kan ittiin kaawwatudha. Kanaaf, horata kana cimsatee, jabeeffatee gahee ijaarsa biyya kanaa keessatti kaleessa taphachaa ture itti fufsiisuun adda durummaan bahachuu akka qabu dhaamaa;
Ayyaanni Faasikaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraaf kan nagaa, gammachuu, tokkummaa, injifannoofi badhaadhinaa akka ta’u hawwiin qabu ibsa.

Sa’aadaa Abduraamaan

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Ebla 11 Bara 2017

Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.