Aanaa Gudayyaa Biilaatti balaa Tiraafikaan lubbuun namoota 3 darbe
Finfinnee, Adoolessa 10, 2017 (FMC)- Balaa Tiraafikaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Ifaa bakka addaa Teelee jedhamutti mudateen lubbuun namoota 3 darbeera.
Balichi konkaalaataan fe’uumsaa Godina Horroo Guduruu irra gara Baakootti imalaa ture garagaluun kan mudate ta’uu To’ataa fi Qindeessaan Nageenya Tiraafikaa Godina Wallagga Bahaa Inispektaarri Olaanaa Haabtaamuu Amanuu FMC‘tti himaniiru.
Naannawichatti irra deddeebiin balaan kan qaqqabu ta’uu ibsuun, Konkolaachistoonni eeggannoo akka taasisan hubachiisaniiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo