Aanaa Gursumitti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 6 darbe
Finfinnee, Waxabajjii 30, 2017 (FMC)- Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursumitti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe.
Balaan kun konkolaataan deddeebisaa uummataa aanaa Gursum magaalaa Funyaan Biraa irraa imaltoota fe’ee gara magaalaa Jijjigaatti imalaa ture Baajaaji waliin walitti bu’uun kan mudate ta’uu Waajjira Poolisii Aanaa Gursumitti Itti Gaafatamaan Kutaa Ittisa Yakkaa Itti Aanaa Inispeektaraa Turii Dirribaa FMC tti himaniiru.
Balichaan lubbuun namoota Baajaajii keessa turanii 6 battalumatti darbeera.
Ka’uumsi balichaa ariitiin konkolaachiisuu akka ta’ee himameera.
Nageessoo Kadiiritu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.