Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Minjaar Shankooraatti riqichi jiguun lubbuun namoota 36 darbe

Finfinnee, Fulbaana 21, 2018 (FMC) – Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Shawaa aanaa Minjaar Shankooraa Arartii Maariyaamitti riqichi ce’umsaaf ijaarame jiguun hanga ammaatti lubbuun namoota 36 darbeera.

Ajajaan Poolisii aanichaa Inispeektar Ahimad Gabayyoon akka ibsanitti, balichi kan mudate wayita hordoftoonni ijaarsa bataskaanaa aanichatti ijaaramaa jiru daawwatanitti.

Hangi namoota lubbuun isaanii darbee dabaluu akka danda’u ibsaniiru.

Balaa Kanaan namoonni 200 ol miidhamuufi hospitaala Arartiitti yaalamaa jiraachuus eeraniiru.

Alaayyuu Garramootu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.